Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Hidhaa Haaromsaa %90’rra ga’uun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015 (FBC)-Ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa %90 irraa ga’uun ibsame.

Waggaa 12ffaa Dhagaan Bu’uuraa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophyaa kaa’amee sababeefachuun hojiilee hanga ammaatti hojjetamanii fi fuulduratti hojjetaman ilaalchisee Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Pirojektii Hidha Guddichaa Haaromsaa Ityoophiyaa ibsa kenneera.

Ibsichaanis Ityoophiyaanonni biyya keessaa fi alaa hidhichaaf maallaqaan, beekumsaa qabaniin dhiibbaa dippilomaasummaa hidhichaa dura dhaabbachuuf gumaachi waltajjiilee addunyaa garaagraarratti itaasisan eerameera.

Baranas gurgurtaa boondii dabalatee daandilee galii argamsiisan biroon galii Birrii biiliyoona 2 walitti qabuuf karoorfame keessaa %50 walitti qabamuu ibsameera.

Fuuldurattis, hojiilee hojjetamuuf karoorfaman keessaa Bitootessa 16, 2015 Naannoo Beenishaangul Gumuzitti sagantaa gurgurtaa boondiin, Birrii miiliyoona 100 walitti qabuuf karoorfamuun himameera.

Tigisti Asmaammaawutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.