Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Istaadiyamii Idil Addunyaa Aday Ababaa %99 xumurameera

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Ijaarsi Istaadiyamii Idil Addunyaa Aday Ababaa %99 xumurameera.

Istaadiyamichi guutummaan yammuu xumuramu teessodhaan namoota kuma 60 ol keessummeessuu danda’a.

Koomiishinarri Koomiishinii Ispoortii Federaalaa obbo Eeliyaas Shikkuur ijaarsi marsaa jalqabaa Birrii biiliyoona 2 fixeera jedhaniiru.

Ijaarsi marsaa 2ffaas dhiyeenya kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan federaalaa baasii ijaarsasaa kan uwwise yammuu ta’u,dhaabbanni Chaayinaa Koorporeeshiniin Injinariingii Steet jedhamu bara 2008 eegalee hojjechaa jira.

Ijaarsa marsaa 2ffaatin uwwisni baaxii, afaan margaa fi hojiin naannessaa istaadiyamicha miidhagsuu ni hojjetama.

Kunis baatii 3 keessatti ni xumurama jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.