Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu Godina Shawàa Kibba lixaatti eegalame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Hojii Kenna tajaajila lammummaa bara barnootaa 2016’n ijaarsi Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu Godina shawàa kibbaa lixaatti eegalame.

Sadarkaa naannoo Oromiyaatti hojii kenna tajaajila lammummaafi hirmaanaa uummataan ijaarsi Mana Barumsaa Bu’uura Boruu bara barnootaa 2016 guyyaa har’aa Godina Shawaa Kibbaa Lixaa aanaa Daawoo magaalaa Buusaatti eegalameera.

Godinichatti manneen Barnoota Bu’uura Boruu 316 kan ijaaraman ta’uu itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa godinichaa obbo Dinqisaa Caaqaa himaniiru.

Bara barnootaa 2016’tti manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kumni 2fi 280 ol hirmaannaa hawaasaa,Abootii qabeenyaafi kanneen biroon kan ijaaraman ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa DooktarTolaa Bariisoon himaniiru.

Bara Barnootaa 2015 manneen barnootaa Bu’uura Boruu kuma 6 ijaaruuf karoorfamee %100 ol milkaa’uu Dooktar Tolaan ivbsaniiru.

Waggoottan sadan darbanitti hirmaannaa hawaasaafi abbootii qabeenyaan manneen Barnoota Bu’uura Boruu Kumni 13 ijaaramu yaadachiisaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.