Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli dagaagina ogummaa fi haaromsaa dubartootaa ammaayya’aan ijaaramuuf

Finfinnee, Mudde 30, 2015(FBC)- Giddugalli dagaagina ogummaa fi haaromsa dubartootaa ammaayyaa’aan ijaaramuufi.

Ijaarsa pirojektichaaf Kutaa Magaalaa Aqaaqiitti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dhaagaa bu’uuraa ka’aniiru.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Aadde Adaanech akka jedhanitti, sababa rakkoolee garaagaraa kutaalee hawaasaa keessatti mul’ataniin daandiirraa kan jiraatanii fi hojii fedhii isaaniin alaarratti dubartoota bobba’anirratti murteessuurra hunduu waltaa’uun jireenya isaanii jijjiiruuf hojjechuu barbaachisa.

Dhabbilee biyyaa keessaa, alaa fi namoota dhuunfaa deeggarsa taasisan galateeffachuun qaamoleen biroos waliin akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Saganticha cinaatti Aadde Adaanech, qaama miidhamtoota, humna dhabeeyyii, maanguddootaa fi daandiirraa kanneen jiraataniif maaddii qoodaniiru.

Pirojektichi Birri biiliyoona 3.1’n kan ijaaramu yoo ta’u dubartootaa fi kanneen daandiirra jiraatan 400 oliif carraa hojii akka uumu eerameera.

Pirojektiin kun lafa hetaara 5.1’rratti kan ijaaramu, galmoota leenjii, kutaalee bultii, bashannanaa fi galma gabaa akka qabaatu eerameera.

Giddugalichi si’aa tokkotti dabrtootaa kuma 2’f dameewwan garaagaraa 9 irratti leenjii kennuuf akka dandeessisu ibsameera.

Waggaattis dubartoota kuma 10’f leenjii ogummaa fi xiinsammuu kennuun carraa hojii biyyaa keessaa fi alaa akka argatan kan taasisu ta’uun eerameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.