Fana: At a Speed of Life!

Imaammanni Ce’umsa Haqaa Itiyoophiyaatti nageenya waaraa milkeessuuf furmata waliin kan qophaa’ee ta’un ibsame

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Imaammanni Ce’umsa Haqaa Itiyoophiyaatti rakkoolee waggoottaniif turan, nageenyaa fi tasgabbii waaraa milkeessuuf furmaata waliin kan qophaa’e ta’u Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsan.

Obbo Taaggasaan waltajjii marii labsii Sirna Bulchiinsa Federalaa fi Imaammata Cee’umsa Haqaa qophaa’eerratti hasaawaa taasisaniin, imammani Cee’umsa Haqaa Itiyoophiyaatti rakkoolee waggootaniif lafarra harkifama as ga’an, nageenyaa fi tasgabbii waaraa milkeessuuf furmaata waliin kan qophaa’e ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti sarbamni mirga namoomaa yeroo garaagaraatti mudataniif furmaanni osoo hinkennamiin turuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan, nageenya waaraa mirkaneessuuf adeemsi ce’umsa haqaa hojiirra ooluun faayida qabeessa ta’uu himuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.