Fana: At a Speed of Life!

Imaammanni misooma intarpiraayzii federaalaa haaraan hoji dhabdummaa hir’isuuf shoora olaanaa akka qabu ibsame

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC)- Imaammanni misooma intarpiraayzii federaalaa haaraan hoji dhabdummaa hir’isuuf shoora olaanaa akka qabu ibsameera.

Imaammatichi Komishiinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaatin kan qophaa’edha.

Komishinichi misooma intarpiraayzii federaalaa imaammaticharratti hoggantoota olaanoo waliin mari’ataa jira.

Maricharratti Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa obbo Nigusuu Xilahuun dabalatee qaamoleen dhimmichi ilaallatuu fi hoggantoonni olaanoon argamaniiru.

Imaammatichi bara 2012 kan qophaa’ee yoo ta’u, imaammataa bara 2003 irraa eegalee hojiirraa olaa turee kan foyyeessuu fi jijjiiruu ta’uu ibsameera.

Hanga ammatti dameechi akka hin guddaannee rakkoowwan hudhaa ta’aan adda baasuu fi foyyeessuu mariichaan kaafameera.

Imaammatichi hojiirra wayita ooluu waggoottan 10tti lammiilee miiliyoona 20 carraa hojii ni uumaa jedhameera.

Zabiib Taaklaaytu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.