Fana: At a Speed of Life!

Imala birmadummaa nyaataa ciminaan itti fufsiisna-Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Imala birmadummaa nyaataa ciminaan itti fufsiisna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuuf badhaasa meedaaliyaa kabajaa “Agricola” Dhaabbannii Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa kenneef galateeffataniiru.

Oomishaalee qonnaa faayidaa olaanaa qabanii fi galtee indaastirii ta’an irratti xiyyeeffachuun bu’aalee abdi qabeessaa ta’an galmaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Kanaanis imala birmadummaa nyaataa ciminaan itti fufsiisna jedhaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy sagantaa Room Xaaliyaanitti gaggeeffamerratti Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomaniin Meedaaliyaa kabajaa ‘Agricola’ badhaafamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.