Fana: At a Speed of Life!

“Imala Iidaa hanga Iidaa” marsaa 2ffaan akka milkaa’uuf qophiin barbaachisu taasifameera jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – “Imala Iidaa hanga Iidaa” gara biyyaa marsaa 2ffaa eegalchiisuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu Tajaajilli Diyaasapooraa Ityoophiyaa beeksise.

Sagantaan imalaa kun Waxabajjii 28, 2014 hanga Adoolessaa 30, 2014’tti akka gaggeeffamu beeksiseera.

Sagantaa waamichaa “Iidaa hanga Iidaa” olaantumman kan gaggeessuu Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa yoo ta’u, waamichicha hordofees Ityoophiyaanonni, dhalattoonni Ityoophiyaa fi michuuwwan Ityoophiyaa gara biyyaa dhufuu tajaajilichi ibseera.

Koreen biyyaalessaa sagantaa waamichaa kana akka qindeessuuf hundaa’e saganataan “Iidaa hanga Iidaa” ciminaan hanga eegalutti, kallattii kaa’een marsaan 2ffaan haala milkaa’aan akka gaggeeffamuuf marii bal’aan gaggeeffamuu tajaajilichi beeksiseera.

Marsaa jalqabaatiin hanqinaalee turan marsaa lammaaffaarratti xiyyeeffannaan akka irratti hojjetamu waltajjii marichaarratti eeramuu ragaan Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.