Fana: At a Speed of Life!

Imala Masaanummaa waggoota 133 lakkoofsise

Finfinnee, Guraandhala 24, 2016 (FBC)- Masaanuu Maanchuriyaani 192ffaa kilaboonni lamaan waggoota 133 dura tapha jalqabaa waliin taasisan.

Tapha kana Maanchistar Yuunaayitid galchii 5 fi 2 injifate.

Waggoota dheeraadhaaf Maanchistar Yuunaayitid olaantummaa Maanchistar Siitiirratti qabaachaa tureera.

Waggoota 20 as garuu Maanchistar Siitiin gahumsa addaa agarsiisuun olaantummaa Yuunayitid harka ture harkaa baasaa jira.

Kilaboonni kunniin lamaan yeroo 191 waliin taphataanii Maanchister Yunaayitid yeroo 78 yoo injifatu, Maanchister Siitiin yeroo 60 injifatee yeroo 53 ammoo qabxii qooddataniiru.

Bara faranjootaa 2000 as ammoo Siitiin olaantummaa Yunaayitidirratti qaba.

Kilaboonni lamaan galgala kana tapha pirimeer liigii Ingilaandi torbee 27ffaatiin yoo walitti dhufaan seenaa keessatti yeroo 190ffaaf wal argu.

Tapha kanaan Maanchisatar Yuunaayitid taphattoota 8 miidhamaan yoo dhabu, Maanchistar Siitiin taphattoota lama qofa dhaba.

Liigiichaan Maanchistar Siitiin qabxii 59 sadarkaa 2ffaarra yoo taa’u, Maanchistar Yuunaayitid qabxii 44 sadarkaa 6ffaarra jira.

Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa morkii Maanchistar Yunaayitiid waliin taasisan kanarratti kilabni isaanii tasgabbiin mala taphaarratti xiyyeefachuu akka qabu himan.

Siitiin Onkololeessa keessa Yunaayitidiin dirreessaatti goolii 3-0’n injifateera.

Amma ammoo Siitiin Yunaayitid irraa qabxii 15niin fagaatee argama.

Kilaboonni lameenuu gahumsi isaanii tibba kanaa gaariidha.
Sadarkaa 2ffaarra kan jiru Siitiin taphoota darban 18 irratti hin injifatamne.

Yunaayitid ammoo bara 2024 keessa takkaa qofa Fuulhaamiin injifatame.

Abbaan qabeenyaa Sir Jiim Raatikiliif qooda Yunaayitid erga bitatanii booda kilaaboonni lamaan yeroo walitti dhufan kun kan jalqabaati.

Waggoota dhufan sadii keessatti Siitii iddoo jirurraa buusuu akka barbaadan dubbataniiru abbaan qabeenyaa kun.

Siitiin baroota Piriimiyeer Liigii jahan darban keessatti yeroo shan shaampiyoonaa ta’eera.

Leenjisaan Yunaayitid Eriik Teenhaag gama isaan “Gahumsa gaariirra jirra; akka gaarii deemaa jirra; Miirri jirus gaariidha. Tokkoomneerra; Amma karoora taphaa gaarii baasuu qabna.”

”Akka gaariitti ni qophoofna; taphattootni qophiin eegaa jiru. Anis waan gaariitu natti urgaa’a. Kaka’umsa guddaan qaba.” Jechuun tapha galgala kanaa ilaalchisuun yaada kennaniiru.

Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 12:30’tti eegala.

Dajanuu Gonfaatiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.