Fana: At a Speed of Life!

Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyaatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016 (FBC)- Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyaatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

“Dijitaal Itiyoophiyaa 2025” namootaa kalaqaaf deeggarsa argamsiisuu fi imalaa dijitaalaaf haalota mijatoo uumuun diinagdee dijitaalaan akka jabaannu dandeettii uumeera jedhan.

Gamaaggamni bara giddugaleessaa guyyaa har’aa gaggeeffameen hanqinaalee jiran sakatta’uun akkasumas yeroo gabaabaatti bakka murteessaa ga’ame kabajuuf carraa kan uume ta’uu Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti ajandaa jijjiirama biyya keessaa, karoora waggoota 10 biyyaaleessaa, karoora galmoota misooma waaraa, hammattoo tarsiimoo ce’umsa dijitaalaa Gamtaa Afrikaa keessaa kan madde “Dijital Itiyoophiyaa 2025”, Itiyoophiyaatti diinagdee kalaqaa fi beekumsa bu’uureffate gurmeessuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.