Fana: At a Speed of Life!

Imbaasichi lubbuu godaantota Ityoophiyaa 542 baraaruu ibse

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Jibuutiitti Imbaasiin Ityoophiyaa  baatiiwwan arfan darbanitti lubbuu godaantota Ityoophiyaa 542 baraaruu ibse.

Imbaasichi Adoolessa 22, 2014 Jibuutii bulchiinsa naannoo Obook bakka Raasbir jedhamutti bidiruu lammiilee Ityoophiyaa 55 feete karaa seeraan alaa gara Yemenitti imaalaa turte to’achuun lubbuu lammiilee kanneenii baraaruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Godaantonni Ityoophiyaa bidiruuwwan seer-maleeyyii fayyadamuun Yemenirraa gara Jibuutii akkasumas Jibuutiirraa gara Yemenitti imala taasisaniin bidiruun garagaggaluun lammiileen du’aaf saaxilamuu eerameera.

Lammiileen odeeffannoo dogoggoraaniifi dalaalota seer-maleeyyiin gowwoomfamuu akka hin qabneefi imala kanarraa akka of eeggatan yaadachiiseera.

odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.