Fana: At a Speed of Life!

Indaastriiwwan annisaa magariisaa fayyadamuun faalama qilleensaa hir’isuu keessatti gahee isaanii bahuu qabu

Finfinnee, Eebla 10, 2013 (FBC)- Af-yaa’iin Mana Maree Fedeereshinii obbo Ahimad Faaraah indaastriiwwan annisaa magariisaa fayyadamuun faalama qilleensaa hir’isuu keessatti gahee isaanii bahuu qabuu jedhan.
Indaastriiwwan annisaa magariisaa fayyadamuun faalama qilleensaa hir’isuu keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban Af-yaa’iin Mana Maree Fedeereshinii obbo Ahimad Faaraah himan.
Warshaa Doolaara Ameerikaa miliyoona 300 fi miliyoona 50n Magaalaa Dirre Dhawaatti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’aaame.
Dhagaa bu’uuraa industrichaa kan kaa’aan obbo Ahimad Faaraah, badhaadhina waliigalaa fiduuf guddinni gama industriitiin jiru iddoo olaanaa qabaachuu eeruun, dhaabbatichi invastimanti guddaa kana hojjechuun isaa kan jajjabeeffamu ta’uuhimaniru.
Akka Gabaasa OBNtti warshaan ijaaramu kun madda annisaatiif jedhamee dhagaa cileetiif baasii bahu hiri’isuuf aramaa biyya alaatii galee bifa weeraraatiin babala’achaa jiru akka madda anniisaa magariisaatti fayyadamuun isaa waan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Industriiwwan kaaniis madda aannisaa magariisaa fayyadamuun faalama qilleensaa ittisuu keessatti gahee irraa eegamu bahuu qabuus jedhan.
Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa obboo Ahimad Mahaammad Buuh, magaalaan Dirree Dhawaa magaalaa industriiwwan garagaraatiif mijooftuu ta’uu ishee eeruun, dhaabbanni Iisti Afriikaan warshaa simintoo magaalichatti argamuun carraa hojii bal’aa uumuun ummata naannichaa fayyadaa jira; hojiiwwan misoomaa garaagaraa tumsuuniis hojiin hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu himaniru.
Warshaan haaraa ijaaramuu fayyadamummaa ummata naannichaa caalmatti cimsaa jedhan.
Imala badhaadhinaa milkeessuun kan danda’amuus hojiiwwan invastimantii hawaasni irraa fayydamu babal’isuun hojjechuun akka ta’es himaniru.
Milkaa’ina piroojektichaatiif bulchiinsi magaalichaa gahee irraa eegamu kan bahu ta’uus ibsan.
Walitti qabaan boordii Iisti Afriikaan Holdiing obboo Buzaayyahu Taaddala gama isaaniitiin warshaan magaalaa Dirree Dhawaatti hojjetamu kun doolaara miliyoona 300 fi miliyoona 50 oliin hojjetamu ta’uu himaniru.
Guyyaatti simiintoo toonii 500 fi waggaatti sibiila toonii kuma 300 ol omishuun gabaadhaaf kan dhiyeesu ta’uus ibsaniru.
Lammilee kuma 12 oliif carraa hojii uumaas jedhaniru.
Ministirri Daldalaa fi Indaastrii obbo Malaakuu Allabal, carraa hojii biyyatti keessatti uumamu keessatti indaastriin konistraakshinii harka 60 qabachuu isaa himaniru.
Industriin kun hojjetamuun isaa fedhii simintoo biyya keessaa guutuufis ta’ee alatti erguun sharafa biyya alaa argamsiisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuus himan.
Mootummaan hojiiwwan invastimantii gurguddoo akkasii kan jajjabeessu ta’uu kan ibsan obbo Allabal milkaa’ina ijaarsa industrichaatiif manni hojii ministeerichaa gargaarsa barbaachisu hunda kan taasisu tahuus himaniru.
Itti Aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Sumaalee obbo Musxafee Mahaammad, gama isaaniitiin warshaan ijaaramu guddina indaastrii konistraakshinii bahaa biyyattitiif gaheen qabu olaanaa ta’uu himan.
Hariiroo naannolee fi biyyoota ollaa jidduu jiru cimsuu keessattis qoodni qabu olaanaa ta’uu himan.
Hoji gaggeessaan Dhaabbata Weest Internaashinaal Holdiingi, bakka bu’aa isaaniitiin akka ibsaniitti, piroojektiin Magaalaa Dirree Dhawaatti hojjetamu kun walitti dhufeenya Ityoo-Chaayinaa caalmatti kan cimsu ta’uu dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.