Fana: At a Speed of Life!

Indooneezhiyaatti bala konkolaata qaqqabeen lubbuun namoota 24 darbe

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Indooneezhiyaatti balaa konkolaata deddeebisaa ummatarra qaqqabeen lubbuun namoota 24 darbu himame.

Balaan kunkan qaqqabe Indooneezhiyaa kutaa bulchiinsa Deenpaa Teengaah magaalaa Sumaatiraa Paagaarii Alaam ta’u dubbatameera.

Dubbi himaan pooliisi magaalaa Paagaarii Alaam akka himanitti, balaan kun kan qaqqabee konkolaatichi bool’a gadi fageenyi isaa meetira 150 keessa seenuni jedhaniiru.

Bala kanaan kannaan namoota lubbuun darban dabalatee namoota 13 irraa miidhaan qaama qaqqabeera.

Konkolaatichi gara bool’aa otuu hin galiin dura daandii qarqaratti kan argamu ittisa konkiriitii waliin walitti bu’uun isaa beekkameera.

Namoonni miidhaamaan hospitaala naannichatti argamutti yalaamaa jirachuun himameera.

Maddi:- Aljeeziira

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.