Fana: At a Speed of Life!

Ingiliiz godaantoota Ruwaandaa qubachiisuu eegaluuf

Finfinnee, Ebla 2, 2016 (FBC) -Ingiliiz Torbeewwan itti aanaan godaantoota Ruwaandaa qubachiisuu eegaluuf ta’uu beeksifte.

Ingiliiz yeroo jalqabaaf lammiilee koola galtummaa gaafatan hedduu torbeewwan Itti Aanaan Ruwaandaa qubachiisuuf ta’uu Waajjirri Ministira Muummee Ingiliiz beeksiseera.

Murtoon kun Ministirri Muummee Ingiliiz Riishii Suunaak Pireezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaameen waliin galuu hordofee ta’uu eerameera.

Karoora Ingiliiz kana Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii fi Miseensota Paarlaamaa Ingiziil dabalatee Dhaabbilee mirga namoomarraa mormii cimaan mudachuu himameera.

Ingiliiz bara Faranjootaa 2022 godaantoota Ruwaandaa qubachiisuuf mootummaa Ruwaandaa waliin waliigaltus Mana Murtii Mirga Namoomaa Gamtaa Awuroopparraa mormiin muudachuu hordofee osoo hojiirra hin ooliin hafuu RTn gabaaseera.

#Oromia#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.