Fana: At a Speed of Life!

Ingiliz, Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaaf qaraxa daldala Abaaboof kaffalchiistu kaasuu beeksiste

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC)- Mootummaan Ingiliz Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaa oomisha Abaaboo gara biyyattiitti ergan qaraxaa daldalaa kaffalchiisaa ture waggaa lamaaf kaasuu beeksise.

Kaffaltiin qaraxaa biyyattiin kaaste kunis daldala Abaaboo Ingilizii fi biyyootaa Baha Afrikaa gidduutti taasifamu saffisiisuuf, hariiroo daldalaa fi diinagdee daran cimsuuf kan gargaaru ta’uun eerameera.

Mootummaan Ingiliz omisha Abaaboo gabaa isheef dhiyaatanirratti qaraxa %8 kaffalchiisaa kan ture yoo, qaraxni kun kaafamuun biyyoota naannawaa Baha Afrikaa abaaboo alatti erguun beekaman Keeniyaa, Itiyoophiyaa, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa fi Yugaandaa fa’iif tarkaanfiin Ingiliz kun carraa olaanaa ta’uun ibsameera.

Qaraxni kaafame kunis waggoota lamaaf akka turu eerameera.

Afrikaatti Komishinarri Daldalaa Ingiliz Joon Hampirey akka jedhanitti, hariiroon Ingilizii fi biyyoota Baha Afrikaa faayidaa waloorratti kan bu’uureffateedha.

Carraan daldala abaaboo kanaan banames Baha Afrikaatti daldallii akka babal’atuuf kutannoo Ingiliz qabdu kan cimsu ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa abaaboo omishuun sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu yoo ta’u Bara 2023’tti Ingilizii fi Itiyoophiyaa gidduutti daldalli Abaaboo Paawundii miiliyoona 12.6 gaggeeffamu kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.