Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiviin Ministiroota Gaanfa Afrikaa 20ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Inisheetiivii Ministiroota Gaanfa Afrikaa 20ffaan dursummaa Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen gaggeeffameera.

Waltajjiin marichaas walga’ii Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa maddiitti kan gaggeeffame ta’uun ibsameera.

Walga’ichi ministiroota maallaqaa biyyoota Gaanfa Afrikaa fi bakka bu’oonni Baankii Misoomaa Afrikaa fi Baankii Addunyaa akkasumaas bakka bu’oonni Ingilizii fi Jarman hirmaataniiru.

Dabalataan Baankii Arabaattii Misoomni Diinagdee Afrikaa, Fandiin Misoomaa Saa’udii, Ergamaan Addaa Ameerikaa fi Jaappaan tumsaan hirmaataniiru.

Dhaabbileen haaraan walga’ichaarratti hirmaachuu kan dinqisiifatan Obbo Ahimad Shideen, hammattoo seeraa Inisheetiiviin Gaanfa Afrikaa qopheesse keessatti hammatamuun tumsitoota idilee akka ta’an waamicha dhiyeessaniiru.

Inisheetiivichi waggoottan shanan darban, qabeenya gama walitti qabuun milkaa’aa akka ture yaadachiisanii, hojiileen kunneen cimanii akka itti fufan akeekaniiru.

Inisheetiiviin Gaanfa Afrikaa miseensummaa biyyootaa Gaanfa Afrikaa torbaan bara faranjootaa 2019 kan hundeeffame yoo ta’u, walitti hidhamiinsa diinagdee cimsuuf hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.