Fana: At a Speed of Life!

Inistitiyuutiin Meetirooloojii Ityoophiyaa fi Bulchiinsi Meetirooloji Chaayinaa waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Inistitiyuutiin Raaga Haala Ityoophiyaa fi Bulchiinsi Raaga Haala Qilleensaa Chaayinaa waliigaltee mallatteessaniiru.

Kongirasii 19ffaa Dhaabbata Raaga Haala Qilleensaa Addunayaa gaggeeffamaa jiru cinaatti, Daayrektarri Inistitiyuutichaa Obbo Faxxanaa Tashoomaan hoggantootaa dhaabbilee garaagaraa waliin walta’iinsaan hojjechuuf marii fi waliigatee taasisaniiru.

Waliigaltechaan Inistitiyuutiin raaga haala qilleensaa Ityoophiyaa fi Chaayinaa qorannoo fi qo’annoorratti, ce’umsa beekumsa teeknooloojii, muuxannoo waljijjiirraa fi bu’uuraalee misoomaa irratti qindoominaan hojjechuun ta’uun ragaan inistityuuticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.