Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo Adwaa ilaalchisee mariin sadarkaa biyyaalessaatti Yuunivarsiitii Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC) – Injifannoo Adwaa ilaalchisee mariin sadarkaa biyyaalessaa Yuunivarsiitii Finfinneetti mata duree ‘Adwaa bu’aa tokkummaa sabdaneessaa’ jedhuun gaggeeffameera.

Mariin kun Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa sababeeffachuun kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Saganticharratti barreeffamoonni garaagaraa dhiyaachuun eerameera.

Injifannoon Adwaa injifannoo waggaa 128ffaa har’aa argame qofa osoo hin taane dhaloota ammaa fi boruuf barnoota guddaa ta’uu Eeggataan Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saama’eel Kifleen ibsaniiru.

Itiyoophiyaan boruu cimtuu akka taatu ijoolleen ishee seenaa fi gootummaa akka baratan Yuunivarsiitiin Finfinnee dhimmoota adda addaarratti hojjechaa jiraachuu Dooktar Saamu’eel kaasaniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Gootoota Itiyoophiyaa Lij Daani’eel Jooteen, Hayyuun Seenaa Piroofeesar Ayyalaa Bakirii fi Jeneraal Alemisheet Daggifeen barreeffamoota qorannoo dhiyeessaniiru.

Miniyichil Azzazawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.