Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo bara ce’aa Ityoophiyaanoonni Adwaarratti agarsiisan dhaloonni ammaa hidha haaromsaa xumuruurratti akka agarsiisan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC) – Injifannoo bara ce’aa Ityoophiyaanoonni durii Adwaarratti agarsiisan dhaloonni ammaa hidha haaromsaa xummursiisuurratti akka agarsiisan waamichi dhiyaateera.

Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silshii Baqqaleen dhimmoota haala waqtaawaa hidha haaromsaa ilaalchisee diyaaspooroota kutaalee bulchiinsa Ameerikaa 15 irraa walitti babba’aniif ibsa taasiisaniiru.

Hidhichin % 78 xummuramuu ibsuun, hojiin ijaarsichaa miira jaalala biyyaa olaanaan raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.

Proojektii kana Ityoophiyaanoonni guutuu addunyaarra jiraataan hundi waan danda’aniin deeggaruun akkuma dhaloonni darbe Adwaarratti injifannoo boonsaa galmeesse dhaloonni ammaas hidhicha xummursiisuun seenaa akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Hidhichi xummuramuun sosochiin diinagdee fi hawaasummaa olaanaa qabaachuu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Futsum Araggaan ibsaniiru.

Imbaasichi Ityoophiyaanoota Ameerikaa jiraataan qindeessuun deeggarsi maallaqaa fi ogummaa eegalame daraan cimee akka itti fufu kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.