Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa Afrikaanotaaf mallattoo onnachiistuudha-Yooseef Attaa Manshaa

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC)- Ityoophiyaanonni lola Adwaarratti injifannoon weerartoota Xaaliyaaniirratti gonfatan Afrikaanonni biroon akka koloneeffattummaarratti qabsaa’an onnachiisuu Gorsaan Dhimma Dinagdee Komishiinii Diinagdee Afrikaa Yooseef Attaa Manshaa ibsan.

Yooseef Attaan ibsaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif kennaniin injifannoon Adwaarratti Ityoophiyaanotaan galmaa’ee Afrikanonni gootummaa koloneeffattummaa duraa akka dhaabbatan tasisuu ibsaniiru.

Injifannoo Ityoophiyaanotaarraa ka’uun biyyoonni Afrikaa bilisummaa isaaniif koloneeffattummaarratti qabsaa’uu eegaluu kaasaniiru.

Gaanaan, Pireezidaantii duraanii Biyyattii Kuwaamee Nikiruumaa fi tumsa hiriyaa isaanii mootichaa Haayilasillaaseen gitaa bittaa Ingiliz irratti qabsaa’uun biyya jalqabaa birmadummaa ishee hogganaa isheen gonfattedha jedhaniiru.

Injifannoon Ityoophiyaanotaa, dandeettii ofiin bilisummaa gonfachuu akka danda’an kan argisiisee, dandeettii rakkoo ofii isaanii ofiin furatan, weerara alaarratti gamtaan ka’anii fi yaada Paan Afrikaaniizimiif ka’umsa ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf injifannoon Adwaa mallattoo fi onnachiistuu lammiilee Afriikaa hundaa ta’uu eeruun afrikaanonni rakkoolee isaanii ofiin akka furataniif abdii kan ta’eedha jedhaniiru.

Yoonaattaan Yooseeftu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.