Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa akkaataa tokkummaa biyyaalessaa mul’isuun kabajama- Ministeera Aadaa fi Ispoorti

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC) – Injifannoon Adwaa bara kanaa akkaataa tokkummaa biyyaalessaa mul’isuun kan kabajamu ta’uu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiise.

Injifannoon Adwaa injifannoo wareegama tokkummaa Ityoophiyaanootaan argame injifannoo boonsaa hundaa ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasan himaniiru.

Ayyaanichi naannolee fi magaalota hundatti bifa walfakkaataa ta’een kan kabajamu ta’uu kaasaniiru.

Kabaja ayyaanichaaf qophiin barbaachisu taasiifamuu dubbataniiru.

Milkaa’ina kabaja ayyaanichaaf koreen biyyaalessaa hundaa’uun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Injifannoon Adwaa waggaa 127ffaan mata duree ‘Tokkummaa, Gootummaa fi murannoo’ jedhuun Guraandhala 23,2015 kan kabajamu ta’uu eerameera.

Maddi:- TOI

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.