Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa jaalaala, gamtaa fi walta’iinsa Ityoophiyaanotaan argame-M/M/I Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Injifannoon Adwaa jaalaala, gamtaa fi walta’iinsa Ityoophiyaanotaan kan argame ta’uu Ministira Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan himan.

Guduunfaan waltajjii sosochiin biyyaalessaa mata duree “Adwaa nageenyaa waaraa fi ijaarsa mootummaa cimaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Tamasgeen Xurunaan akka jedhanitti, gootonni Itiyoophiyaanonni waraanaa Adwaarratti irree tokkoon humna weerartuu jilbeenfachisuun kabaja biyya isaanii mirkaneessaniiru.

Injifannoon Adwaa gamtaan, jaalalaa fi walta’iinsaan injifannoo argame ta’uu ibsanii, yeroositti waraanni Itiyoophiyaas tokkummaa sabdaneessaan humna gurmaa’e ta’uu kaasan.

Hirmaattonni duula waraanaa Adwaa hundi tokkummaan kabaja biyyaaf kan duulan ta’uu eeruun, har’aas diinota Itiyoophiyaa jilbeenfachiisuuf, hiyyummaa, malaammaltummaa fi hojmaata badaa injifachuuf gamtaan duulamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Jaalallii fi miirri biyyummaa yeroo waraana Adwaa ture har’as cimee akka itti fufu kan eegamu ta’uu kaasanii, wareegamni biyyaaf kaffalamu gatii olaanaa qaba jedhaniiru.

Adwaan mana barnootaa biyyi ittiin guddattuu fi cimtu ta’uun cabiinsaa wal’aanuuf dawaa olaanaa akka ta’e akeekaniiru.

Kanaafis gootota abboota duraaniirraa jaalala biyyaa dhaaluun, nageenyaa fi badhaadhina akkasumas ijaarsa mootummaaf tattaafachuun itti gaafatama dhalootaa ammaa ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.