Fana: At a Speed of Life!

Injiffannoon argame wal harkaa fuudhinsa dhalootaan kan argameedha- Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2016 (FBC) – Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Faqaaduu Tasamnaan Gamoo Waajjira paartii badhaadhinaa damee Qellam Wallaggaa eebbisisaniiru.

Gamoon kun Siidaa qabsaa’oota qaaqqaaliti jedhan.

Waggottan 6’darban qormaataa guddaa dabarsuu eeruun injiffannoon argame wal harkaa fuudhinsa dhalootaan kan aeprgame ta’uu ibsaniiru.

Qabsoo taasiifameen, Federaalizimiin dhugaa hojiirra akka oluu, birmadummaan biyyaa eegamee akka itti fufuu , Ijaarsi Hidha haroomsa guddichaa boqonnqa xumuraarra akka ga’uu fi Qamadii biyya alaatti erguun jalqabamuu, wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuu fi injifannoowwan hedduun galmaa’aa jiraachuu Obbo Fiqaaduu haasawa sirna eebba gamichaarratti taasisaniin himaniiru.

Qormaatilee hedduun muudatus badhaadhinni Oromiyaafi Itiyoophiyaa kan hin olle ta’u eeraniiru.

Gamoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee godina Qellem Wallaggaas yaadannoo qabsaa’ootq qaqqaallii arsaa kafallanii ta’uu himaniiru

Sochiiwwan hawaas dinagdeefi ijaarsi pirojektiwanii sababoota gara garaan dhaabbatan yeroo dhiyootti hojjii kan eegalan ta’u dubbataniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.