Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan abootii qabeenyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan abbootii qabeenyaa magaalichaa waliin mari’atan.
 
Injiinar Taakkalaan haala vaayrasii koroonaan ittisuun danda’amuratti abbootii qabeenyaa waliin marii taasisaniiru.
 
Abbootiin qabeenyaa maricharratti hirmaatan waan danda’an hundaan vaayrasicha ittisuuf hojii bulchiinsi magaalichaa hojjetu kan deeggaran ta’uu himaniiru.
 
Abbootiin qabeenyaa kunneen hojiilee bulchiinsi magaalichaa hojjechaa jiru diniqisiifachuun yeroo itti aanu bulchiinsa magaalichaa waliin ta’uun hojjechuuf fedhii qaban ibsuu isaanii ragaan waajiira Kaantibaa magaalichaarra argame ni muul’isa.
 
Abbootiin qabeenyaa kunneen kaka’umsa mataa isaaniin deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu isaanii Injiinar Taakkalaan galateeffaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.