Fana: At a Speed of Life!

Injinaar Habtaamuun daayreektara Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC)-Daayreekatarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa Injiinar Habtaamuu Taganyii daayreektara Baankii Addunyaa Osmaan Diiyoon waliin mari’ataniiru.

Mariichan tumsi Ityoophiyaa fi Baankii Addunyaa hojiiwwan daandii fi bu’uuraalee misoomaa caalmaa ammayyeessuuf karaa danda’aan irratti mari’ataniiru.

Dhimmoota muuxannoo bulchiinsa qabeenyaa daandii fi tumsa naannoo foyeessuurratti xiyyeeffannoo laachuun mari’ataniiru.

Baankiin Addunyaa bara Faranjootaa 1991 irraa eegalee Ityoophiyaatti hanqina bu’uuraalee misoomaa guutuuf doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 2 ol dhangalaasuu ibsameera.

Uuwwisii daandii Ityoophiyaas bara 1991 kiilo meetira kuma 20 irraa tureerra bara 2020 gara kuma dhibba 1 kuma 44 qaqqabuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.