Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan ijaarsa daandii addababaayii Puushkiin-Gootaraa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Inijinar Taakkalaa Uumaan ijaarsa daandii addababaayii Puushkiin -Gootaraa daawwatan.
 
Daandichi dheerina kiilo meetira 3.8 kan qabu yoo ta’u, yeroo ammaa kanas qotiinsi lafa jalaa(holqaa) dheerina meetira 320 qabu xumuramaa jira.
 
Dabalataan daandichi daandii ariitii awtoobisii dabarsu qaba jedhan.
 
Proojaktichi erga eegalee baatiiwwan 9 kan lakkoosise yoo ta’u, waggaa 1 keessatti ni xumurama jedhaniiru.
 
Daandichi wayita xumurramu dhiphina daandii naaniichaa ni fura jedhameera.
 
Gama biraatin ammoo bareedina magaalichaatif shoora olaanaa qaba jechuun ragaan Waajjira Kantiibaarra arganne ni muul’dhisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.