Fana: At a Speed of Life!

Irreechaan walqabatee daandiiwwan cufaman ifoomaan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Finfinneetti Ayyaanni Irreecha kabajamee hanga xumuramutti daandiiwwan cufaman ifoomaniiru.

Haaluma kanaan:-

• Buufataa Xiyyaaraa Boolee, Galma Barkumee gara Addaabaabayii Masqalaa kan geessuu Addabaabaayii Walloo safaritti

• Magganaanyaarraa gara Addaabaabyii Masaqalaa kan geessuu Addabaabayii 22’rratti

• Kiiloo 4 irraa Ministeeraa Dhimmaa Alaan garaa Addabaabayii Masqalaa kan geessu qaxxaamura Konsan yookaan Paarkii Michummaatti

• Xoorhaayiloochi-Lagahaariin gara Addabaabayii Masqalaa kan geessuu Mana Murtii Olaanaa Lidaattaatti

• Jamoorraa Monopoolii Tamboon gara Meeksiikoo kan geessu Addabaabaayii Gamtaa Afrikaarratti

• Qeeraarraa gara Meeksiikoo kan geessu Marfataa Bulgaariyaatti

• Daandii haaraan Qeeraarraa Qiirqoosiin gara lagahaar kan geessuu Taaboot Maadariyaatti

• Saaris irraa, Gootaraan gara Addabaabayii Maasqalaa kan geessuu Hulluuqqoo Gootaraatti

• Booleerraa gara Bataskaanaa Uraa’eel kan geessuu naannawaa Hoteela Atilaasitti

• Awaareerraa gara Kaasaanchiis kan geessuu Addabaabaayii Dubartootaarratti

• Lidataa Geejjaa Safariirraa, gara Eegumsa Fayyaa kan geessu naannawaa Abinnat, Poolisii Farasanyaatti

• Markaatoorraa Goommaa Quxxabaan gara buufata poolisii shanaffaa kan geessu Barbaree Baarandaatti

• Markaatoo Raas Tiyaatir irraa gara Goommaa Quxxabaa kan geessu Addabaabaayii Takilahaayimaanotitti,

Kan cufaman ta’uu beekuun har’a sa’aatii 6:00 eegalee ayyaanichi kabajamee hanga xumuramutti cufaa ta’uu ibsameera.

Naannawaa ayyaanichi kabajamutti daandii bitaa fi mirgaan yeroo gababaafis ta’e dheeraaf konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee Ibseera.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee nagaan kabajamee akka xumuramu qaamolee nageenyaa waliin qophii barbaachisaa taasisuun hojiitti seenuu humni waloo tikaa fi nageenyaa beeksiseera.

Hawaasni dhimmoota shakkisiioo wayita quunnamuun odeeffannoo kennuuf tooraa bilbilaa bilisaa 816’n tooraa bilbilaa, 01- 11 -11- 01 -11, 01- 11- 26- 43- 59, 01- 11- 01- 02- 97’n fayyadamuun odeeffannoo kennuun tumsa akka taasisu gaafatameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.