Fana: At a Speed of Life!

Israa’eelii fi Filisxeem Gaazaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchu eegalan

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Israa’eelii fi gareen hidhattoota Filisxeem Haamaas Gaazaatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchu eegalaniiru.

Waliigalteen dhukaasichaa dhaabuu guyyoota 11f ni tura jedhameera.

Guyyoottan darban dhukaasa tureen lubbuun namoota 240 darbeera.

Filisxeemoonni  dhuukaasni dhaabbuchuu eegaluu hordofee har’a gara daandiitti ba’aniiru.

Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu carraa dhugaa fidee dhufaa jira jedhaniiru.

Israa’eel kaleessa kaabaa Gaazaa Haamaasiitti haleellaa qilleensaa bu’uraalee misoomaarratti xiyyeeffatee 100 kan raawwatteetti.

Haamaasiin ammoo rookkeettoonni 300 ol gara Israa’eelitti furguggifamuu Waraanni Israa’eel beeksiseera.

Filisxeemoonni loltoota Israa’eel masjiida Al Aqaas seenuun tarkaanfii fudhataniiru kan jedhuu hordoofee walitti bu’iinsi muudachuun isaaa ni yaadatama.

Kanaafis Gaazaatti dubartootaaa fi daa’immaan 100 ol dabalatee namoonni 232 lubbuun isaanii darbeera.

Gaazaatti kanneen ajjeefamaan keessaa 150 hidhattoota ta’uu Israa’eel ibsa turteetti.

Gama Israa’eeliin ammoo daa’imman 2 dabalatee namoonni 12 ajjeeffamuun isaanii Ministeerri Fayyaa biyyatti ibseera.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.