Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo-Teelekoom Tajaajila Netwoorkii Dhaloota 5ffaa Jigjigaatti eegalchiise

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Itiyoo-Teelekoom Tajaajila Netwoorkii Dhaloota 5ffaa (5G) Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti eegalchiise.

Sagantichaarratti Hoji Raawwaistuu Olaantuu Itiyoo Teelekoom Firehiiwot Taammiruu, Pireezidantii Ittaanaa Naannoo Somaalee Ibraahiim Usmaan dabalatee jiraattonni magaalichaa akkasumas keessummooni biroon argamaniiru.

Hoji Raawwachiistuu Olaantuu Itiyoo Teelekoom Firehiiwot Taammiruu akka jedhanitti, tajaajilli neetiwoorkii dhaloota 5ffaa Magaala Jigjigaatti eegale hojiilee haaraa hedduu uumuu fi yaada gara hojiitti hiikuuf kan gargaaruudha jedhan.

Tajaajilichis diinagdee dijitaalawaa saffisiisuun karoora Dijitaal Itiyoophiyaa dhugomsuuf imala taasifamu kan saffisiisu ta’uu dubbataniiru.

Magaalaan Jigjigaa Magaalota Finfinnee fi Adaamatti aanuun magaalaa tajaajila neetiwoorkii Dhaloota 5ffaa (5G) argatteedha jedhameera.

Qiddisti Abaataatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.