Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Ingiliz walta’iinsa gamlamee daran cimsanii akka itti fufan ibsan

Finfinnee, Ebla 12, 2013 (FBC)-Itiyoophiyaa fi Ingiliz dameewwan dursa kennaniin fi tarsiimawaarratti walta’iinsa qaban daran cimsanii itti fufuuf waligalteerra ga’aniiru.

Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walga’ii Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaa gaggeeffamaa jiruun maddiitti Ministira Ittaanaa Misooma Afrikaa Ingiliz Andiriiwu Miisheel waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, dhimma dinagdee Itiyoophiyaarratti kan mari’atan yoo ta’u, diinagdeen Itiyoophiyaa dhibbaa keessaa fi alaa dandamatee haala itti fufuu danda’u, Ingiliz Itiyoophiyaatti invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabdu, akkasumas walta’iinsa fi tasgabbii Gaaanfa Afrikaaf deeggarsa taasisturratti mari’ataniiru.

Andiriiwu Miisheel Biyyi isaanii deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Obbo Ahimad Shideen gama isaaniin Ingiliz Itiyoophiyaaf deeggarsa addaan hincinne taasisaa jirtuuf dinqisiifataniiru.

Ingiliz ajandaa deeggarsa namoomaa keessumaa fooyya’iinsa diinagdeen, bu’uuraalee misoomaa, hirmaannaa invastimantii damee dhuunfaan taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaattis dameewwan tarsiimawaa fi xiyyeeffannaan adda dureen kennamuuf irratti walta’iinsa jiru daran cimsuuf waliigalteerra ga’uun ragaan Ameerikaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.