Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Puntilaandi hariiroo isaanii cimsuuf walii galan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Puntilaandi hariiroo damee hedduun qaban cimsuuf waliigaluu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan jila Ministira Mallaaqaa Puntilaandi Mohammad Faaraahin durfamu waliin mari’taniiru.

Marii isaaniin Ambaasadadar Misgaanuun, Filannoo Motummaan Puuntilaandi dhiheenya gaggeesse dinqisiifachuun, Itiyoophiyaan hariiroo damee hedduu Puuntilaandi waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu dubbataniiru.

Jilli Putilaandi gamaasaaniin, Itiyoophiyaa fi Puntilaandi hariiroo obbolummaa waggoottan hedduu lakkoofsisan kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Nageenyaa fi Barnootarratti Puntilaandiif deeggarsa taasisaa jiraachuu eeruun, Mootummaan Puntilaandi haaraan Itiyoophiyaa waliin hariiroo gamlamee cimsuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Biyyoota lameen giddu hariiroon daldalaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi tumsa diinagdeerratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbachisaa ta’uun ibsamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.