Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dargaggoota ga’oomsuuf hojiilee haaraa miiliyoona 2 uumuuf karoorfatte – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Barnootaa waliinga’uu fi dargaggoota ga’oomsuuf Itiyoophiyaan hojiilee haaraa miiliyoona 2 uumuuf karoorfachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaaniin durfamu Yaa’ii Waldaa Misooma Idil Addunyaa 21ffaa Keeniyaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.
Itiyoophiyaan hojiilee fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa qormaatilee hunda ce’e fi oomishtummaaf dursa kennu hojjechuu ibsaniiru.
Barnoota waliin ga’uurra darbee dargaggoota ga’oomsuuf hojiilee haaraa miiliyoona 2 uumuuf karoorfamuu himaniiru.
Itiyoophiyaan sosochii ashaaraa magariisaa, Aanniisaa hunda qaqqabsiisuu, ce’umsa diijitaalaa fi kunuuns qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjetaa jiraachuu Dooktar Abiy yaa’icharratti haasawa taasiisaniin himaniiru.
Waldaan Misooma Idil Addunyaa Ardii Afrikaaf deeggarsa taasiisu akka cimsu Itiyoophiyaan waamicha taasiiftu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.