Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dorgommii Kaaraateen Meedaaliyaa Warqee argatte

Finfinnee, Fulbaana 6, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf dorgommii Kaaraatee JKS irratti hirmaachuun Meedaaliyaa Warqee argatte.

Duubaayitti kan gaggeeffmaa jiruu dorgommii Kaaraatee JKS Waancaa Eeshiyaa-Afrikaa irratti hirmaachuun Atileetonni Itiyoophiyaa sadii dorgommichaan meedaaliyaa argamsiisaniiru.

Waltajjichaan Kiiloo giraama 60’n kan dorgome Naatinaa’eel Bayyanaa meedaaliyaa warqee yoo argamsiisu, dorgommii walfakkaataan Efreem Addaam Kiiloogiraama 84’n akkasumaas Aschaaloo Kibiruun meedaaliyaa Nahaasaa badhaafamaniiru.

Dorgommichaarratti Ispoortessitoonni biyyoota 29’rraa baba’an hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.