Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dorgommiiwwan Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa lama akka qopheessitu filatamte

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC) – Waldaan Kubbaa Miilaa Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa Itiyoophiyaan dorgommiiwwan Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa lama akka qopheessitu filatamteera.

Manni Maree Waldaa Kubbaa Miilaa Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa Yaa’ii har’a Keeniyaatti gaggeesseen Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kanneen akka qopheessitu filachuu beeksiseera.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaan dorgommiiwwan Shaampiyoonsi Liigii Kubbaa Miilaa Dubartootaa Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa fi kan umrii waggaa 20 gadii akka qopheessitu filatamuu ibsameera.

Gama biroon Yugaandaan tapha gulaallii waancaa Dhiirootaa umrii waggaa 17 gadii, Taanzaaniyaan tapha gulaallii Waancaa Afrikaa umrii waggaa 20 gadii dhiirootaa fi Zaanzibaar Waancaa Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa fi tapha gulaallii Manneen Barnootaa Afrikaa akka qopheessan filatamuu manni marichaa ifoomseera.

Warqinaa Gaashahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.