Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan ergama nageenya kabachiisuu idil addunyaaf gumaacha taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan ergama nageenya kabachiisuu idil addunyaa keessatti gumaachaa olaanaa qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ajajaan Giddugala Nageenya Kabachisuu Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Addaamneeh Mangistee dubbatan.

Inititiyuutiin Leenjii Nageenyaa Kabachiisuu Idila Adduunyaa, Ataasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa teessoon isaanii Finfinnee waliin mari’ateera.

Waltajji marichaarratti Meejer Jeneraal Addaamneeh Mangistee akka ibsanitti, Itiyoophiyaan ergama nageenya kabachiisuu idil addunyaan hojiilee fakkeenya ta’an raawwatteetti.

Haaluma kanaan Raayyaan Ittisa Biyya humna namaa ga’umsa yerichaan gitu horachuuf hojmaata riifoormiin deeggarame diriirsuun ta’uu kaasaniiru.

Hojiin nageenya kabachiisuu muuxanoo Itiyoophiyaan qabdu, dandeettii qaamolee biroo waliin ida’uun hojii daran bu’aa qabeessa ta’ee hojjechuun akka barbaachisu ibsuu TOI gabaaseera.

Hojii nageenya kabachisuu haala milkaa’aa ta’een akka gaggeeffamuuf tumsi qaamolee dhimmichi ilaallatu hundaa daran cimee itti fufuu akka qabus dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.