Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan fiigicha meetira kuma10 dubartootaan meedaaliyaa Meetii fi Nahaasii argatte

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Taphoota guutuu Afrikaa 13ffaan Itiyoophiyaan fiigicha meetira kuma10 dubartootaan meedaaliyaa Meetii fi Nahaasii argatte.

Atileet Wuddee Kaffaalaa fageenyichaan 2ffaa ba’uun meedaaliyaa Meetii yoo argattu, Atileet Takkeen Amaaree 3ffaa ba’uun meedaaliyaa Nahaasii argachuu ibsameera.

Atileet Abarruu Ayyaanaa sadarkaa 4ffaan xumurteerti.

Gama biroon utaalchoo hirkoon Abarraa Laammaa meedaaliyaa Nahaasaa argamsiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.