Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan gabaasa garee Ogeeyyii mirga namoomaa idil addunyaa kufaa taasiifte

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan gabaasa gareen Ogeeyyii mirga namoomaa idil addunyaa dhimma namoomaa ilaalchisee dhiyeesse kan hin fudhanne ta’uu beeksiifte.

Gabaasa gareen Ogeeyyii dhimma namoomaa Itiyoophiyaa akka qoratan Dhaabbanni Mirga namoomaa idil addunyaa moggaase walga’ii mana Maree Mirga Namoomaa 54ffaarratti dhiyeessan Itiyoophiyaan kan hin fudhanne ta’uu beeksiifteerti.

Gabaasicha Itiyoophiyaan guutummaatti kan hin fudhanne ta’uu Siwiizarlaand Jeneevaatti ergamaan addaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Tsaggaa’ab Kibabaw ibsa walga’icharratti taasiisaniin himaniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaa booda Itiyoophiyaan nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffii taasiiftu cimsitee itti fufuu dubbataniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa garaagartee jiru karaa nagaan furuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Gabaasni dhiyaate gabaasa haala qabatamaa biyyattii hin ibsinee fi loogiin guuttame ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.