Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Ibsa Liigii Arabaa Mormite

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan ibsa Liigii Arabaa jabeessitee kan mormitu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Misgaanu Argaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti ibsi liigichaa, yaalii dhimma keessoo Itiyoophiyaa fi birmadummaa ishee gidduu seenuuti jedhan.

Dabalataan Itiyoophiyaan biyyoota Arabaa hedduu waliin hariiroo gamlamee gaarii qabdi jedhan.

Ta’us, Liigiin Arabaa faayidaa biyyoota muraasaa kabachiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Liigiin Arabaa kaleessa Walga’ii Addaa Ministirootaa Kaayiroo Ijibtitti gaggeesseerratti waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti taasifame ka’umsaa taasifachuun gahee Itiyoophiyaan naannawichatti qabdu yaada gane calaqqisiisuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.