Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Maalii 4 fi 0’n injifatte

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)- Gareen kubbaa Miilaa dubartoota Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii 20 gadii tapha har’a Maalii waliin taphateen 4 fi 0’n injifateera.

Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Itiyoophiyaa umrii 20 gadii tapha Gulaalli Waancaa Addunyaa marsaa 3ffaan tapha deebii har’a Finfinnee Istaadiyamii Abbabaa Biqilaatti taphataniiru.

Tapha sa’aatii 9:00 irratti gaggeeffameen gareen Itiyoophiyaan gita isaanii Maalii 4 fi 0’n injifachuu danda’eera.

Tapha dhaqaan gareen Itiyoophiyaa Maaliitti 2 fi 0’n injifachuun ni yaadatama.

Waliigalaan tapha dhaqaa galaan Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Itiyoophiyaa Maalii waliin taphateen qabxii 6 fi 0’n injifachuu danda’eera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.