Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Waliigaltee Dandeettii Soda Balaa Afrikaa mallatteessite

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Waliigaltee Dandeettii Soda Balaa Afrikaa mallatteessuun Miseensa Garee Dandeettii Sodaa Balaa Afrikaa Eejensii Gamtaa Afrikaa taate.

Waliigaltichi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu fi Bakka Bu’aa Jila Gamtaa Afrikaa Mahaammad Saaleem Buharii mallatteessaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan, waliigaltichi Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa fi balaawwan uumamaaf deebii gama kennuutiin Garee Dandeettii Sodaa Balaa Afrikaa waliin hojjechuuf kan dandeessisuudha jedhan.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa damee qonnaa Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa olaanaa fidaa jiru tilmaama keessa galchuun dhaabbilee sadarkaa ardii fi idil addunyaa waliin hojjechuuf sirrii ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan dandeetti deebii balaawwanii gama ijaaruutiin, garee Dandeettii Soda Balaa Afrikaa waloo walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun mirkaneessaniiru.

Bakka Bu’aan Jila Gamtaa Afrikaa Mahaammad Saaleem Buharii gama isaaniin, mootummaan Itiyoophiyaa waliigalticha mallatteessuu fi miseensaa garichaa ta’uuf kutannoon argise kan dinqisiifatamuudha jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame nji mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.