Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanoota Dhaloota 2ffaa Ayyaanaa Sooma Hiika sababeeffachuun gara biyyaa dhufaniif simannaan taasiifamaa jira

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaanoota Dhaloota 2ffaa Ayyaanaa Sooma Hiika sababeeffachuun gara biyyaa dhufaniif simannaan taasiifamaa jiraachuu ibsame.
Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii fi Hooggantooni mootummaa olaanoon lammiilee kanneeniif simannaa taasisaniiru.
Waamicha mogaasa ‘Back To the Origin’’ jedhuun Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhaloota 2ffaaf dhiyeessan hordoffee marsaa 3ffaan dhaloonni 2ffaan gara biyya dhaloota isaanii seenaa jiru.
Halumaa kanaan Muddee 20-Guraandhala 30 ,2016tti marsaa jalqabaan sagantaa “bu’uura aadaa hedduu waliin wal qunnamu”jedhuun Itiyoophiyaanoonni dhaloota 2ffaa gara biyyaa galaanii akka turan ibsameera.
Marsaa kanaan ammao Itiyoophiyaanooni dhaloota 2ffaan “Bu’uura seenaa beekuu”jedhuun moggasa kennameen gara biyyaatti deebi’a jiraachuun ibsameera.
Maahileet Taklabirhanitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.