Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti Giddugalli ‘Wal’aansa Niwukilaraa’ jalqabaa baname

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti giddugalli ‘Wal’aansa Niwukilaraa’ jalqabaa tajaajila kennuu eegale.

Giddugalichi tajaajilicha argachuuf baasii olaanaa ba’u hir’isuu fi sharafa alaa gama hambisuun gahee olaana akka qabu ibsameera.

Sirna tajaajila eegalchiisuu Giddugalicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan akka ibsanitti, waliingahiinsa tajaajila fayyaa mootummaa qofaan kan mirkanaa’u utuu hintaane gaheen damee dhunfaas olaanaa ta’uu giddugalichi banamuun argisiistuudha jedhan.

Mootummaan giddugala ‘Wal’aansaa Niwukilaraa’ sadii ijaaruuf haalduree barbaachisaa xumuruun hojiitti seenuu kaasaniiru.

Dabalataan tuuriizimiin wal’aansaa akka dabaluuf ni tumsa jedhaniiru.

Giddugalichi Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa keessatti dandeetti qo’annoo fi wal’aansaa akka fidu abdii kan uumu ta’uun ibsameera.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.