Fana: At a Speed of Life!

Itti aanaan Barreessaa dhimmoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii daawwannaa Ityoophiyaatti taasisaan eegalan 

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)-Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti aanaan barreessaa dhimmoota namoomaa fi qindeessaan deeggarsa yeroo aariifachiisaa Maartiin Giraaftiis Ityoophiyaatti daawwannaa guyyoota 6’f taasisaan eegalaniiru.

Daawwannaa isaaniitin aangaa’oota hojii mootummaa fi hawaasa bakka buutoota namoomaa fi deeggartoota waliin wal arguun ni mari’atuu jedhamee eegama.

Dhiyeenya kan muudamaan qindeessichi, hojiisaanii kan eegalaan gara Ityoophiyaa daawwannaa taasisuun isaanii kan isaan gammachiisee ta’uu ibsaniiru.

Maartiin Giraaftiis turtii isaaniin naannoolee Tigraayii fi Amaaraatti daawwannaa ni taasisuu jedhamee kan eeggamuu ta’uu ragaan waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaa dhimmoota namoomaarra argame ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.