Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom bara baajataa xumurame galii Birrii biiliyoona 75.8 argachuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) –Ityoo Teeleekoom bara baajataa xumurame Tajaajiloota 203 dhiyeessuun galii Birrii biiliyoona 75.8 argachuu beeksiseera.

Hojii Rawwaachistuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireehiyiwat Tammiiruun raawwii karoora bara 2015 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Bara baajaatichatti hojii hojjetammeen uwwisa Neetwoorkii Mobaayilaa fi Biroodbaandii guddisuun danda’amuu ibsaniiru.

Dabalataanis bara baajaatichatti magaalonni 300 tajaajila 4 G argachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan Ityoo Teeleekoom Tajaajiloota 203 dhiyeessuun galii Birrii biiliyoona 75.8 argachuu beeksiseera.

Fiqirtee Kabbadatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.