Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom magaaloota Bahaa Ityoophiyaatti tajaajila 4G eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Ityoo Teeleekoom Bahaa Ityoophiyaa magaaloota Dirree Dawaa, Ayiishaa fi Cirootti tajaajila 4G eegalchiiseera.

Ityoo Teeleekoom kutaa biyyatti hundatti tajaajila bilbilaa waliin ga’uuf magaaloota garagaraatti hojiiwwan raabsaa hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Yeroo amma kanaas magaalaa Finfinnee qofaaf murtaa’ee kan turee tajaajiilli intarneetii ariifataan 4G magaaloota adda addattii tajaajilli beeksisaa jira.

Hojii raawwachiiftuun olaantuu Ityoo Teeleekoom aadde Fireehiywat Taammiruun Bahaa biyyattitti tajaajila 4G maamiltoota kuma 330 fayyadamoo taasisuu ifoomu ibsaniiru.

Tajaajilli 4G kun kutaa biyyatti magaaloota 103 hojiirra ooluu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.