Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa 3 – 2 Sudaan

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC) – Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha michoomaa Garee biyyaalessa Sudaan waliin taasiiseen goolii 3 fi 2 injifateera.

Gareen kubbaa miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Kubbaa miilaa Afrikaa 33ffaa qopheessummaa Kaameeruuniin gaggeeffamuuf tapha madaallii ga’umsaa gita isaa Sudaan waliin galgala kana taasiise injifannoon golobeera.

Amaanu’een Gabramikaa’eelii goolii 2 fi Shimallis Baqqalaan goolii 1 Ityoophiyaaf lakkoofsiisaniiru.

Gareen kubbaa miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Kubbaa miilaa Afrikaa 33ffaaf Kaameeruun, Burkiinaafaasoo fi Keeppi Vardee waliin ramadamuun kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.