Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa, Eertiraa, Gibts dabalatee biyyoonni kanneen akka Raashiyaa, Sarbiyaa fi Beelaruus Ayyaana dhalachuu Yesuus Kiristoos (Qillee) kabajan

Finfinnee, Muddee 29, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa, Eertiraa, Gibts dabalatee biyyoonni kanneen akka Raashiyaa, Sarbiyaa fi Beelaruus Ayyaana dhalachuu Yesuus Kiristoos (Qillee) kabajan.
Biyyoota Awurooppaafi Ameerikaatti ayyaanni dhalachuu Yesuus Kiristoos yookaan Qillee Muddee 16 darbe kana kabajame.
Ityoophiyaa fi Eertiraa dabalatee biyyoota birootti ammoo har’a Muddee 29 kabajama.
Biyyoota kana dhimmi walfakkeessuu akkaataa guyyaa itti lakka’aani.
Biyyoota Afrikaa keessaa Eertiraa, Gibtsii fi Ityoophiyaan biyyoota amantoota Kooptik Ortodoksii qaban kanneen biratti ayyaanni Qillee Muddee 29 (waggaa 4tti yeroo tokko Mudde 28) ayyaana Qillee kabaju.
Biyyoonni Lixaa harki caalaan guyyaa akkaataa lakkoofsa Girigoriyaanitti lakkaa’u. Sirni lakkoofsaa kun bara 1583 Giriigoriin eegalame.
Biyyoonni Gamtaa Sooviyeet duraanii fi baha giddugaleessaammoo dhaloota Kiristoosiin dura sirna lakkoofsa Juuliyaaniin eegalame fayyadamu.
Ammaas taanaan biyyoonni heddduun sirna guyyaa ittin lakkaa’an kan Girigorii ta’us, ayyaana waggaammoo kan Juuliyaaniin fayyadamu.
Itoophiyaa, Eertiraa fi Gibts dabalatee biyyoonni kanneen akka
• Raashiyaa
• Sarbiyaa
• Beelaruus
• Monteneegiroo
• Kaazaakistaan
• Israa’el
• Bulgariyaa
• Maqedoniyaa
• Joorjiyaa
• Moldovaa ammas guyyaa dhaloota Iyyasuus Kiristoos kabajaa jiru.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.