Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Dhimma Alaa Aljeeriyaa Raamitaanee Laamaamiraa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin biyyoonni lamaan dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Haala biyyattii hirmaannaa Gamtaa Afrikaa keessaatti qabdu cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dhimma Hidha Haaromsaa fi Naannoo Tigraayirratti mari’ataniiru.

Dabalataan Ministirri Dhimma Alaa Aljeeriyaa Raamitaanee Laamaamiraan Preezdaant Saahilawarq Zawdee waliin dhimmoota waloorraati mari’ataniiru.

Hariiroo tarsiimoo biyyoota lamaanii, tasgabbii fi nageenya Afrikaa fi dhimmoota biroorraatti mari’ataniiru.

Ergaa Preezdaantii Aljeeriyaa Abduul Majiid Tiiboonirraa eragame Preezdaanti Saahilawarqiif geessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Aljeeriyaa Raamitaanee Laamaamiraan daawwannaa hojiif Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.