Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Emmireetonni Arabaa Gamtooman walii galtee liqaa Doolaara miiliyoona 100 waliif mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Emmireetonni Arabaa Gamtooman walii galtee liqaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 100 waliif mallatteessaniiru.

Liqichi kan argame Dhaabbata Misoomaa Kaliifaa jedhamurraayi.

Waliigalticha ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi duraa taa’an dhaabbatichaa Huseen Jaasaan Alnoowiis mallatteessaniiru.

Liqichi, dargaggootaf carraa hojii uumu, fayyadamtummaa dubartootaa mirkaneessuu fi fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaaf oola jedhameera.

Emmireetonni Arabaa Gamtooman hojiilee misoomaa Ityoophiyaa tumsaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan invastimantii, misooma faayinaansii fi diinagdeerratti ni hojjetu jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.