Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Indooneezhiyaan oomisha Abaaboorratti waliin hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC)- Ityoophiyaa fi Indooneezhiyaan oomisha Abaaboorratti waliin hojjechuuf mari’ataniiru.
Mariin viidiyoo konfaraansiin gaggeeffameen kana kan qopheessan Imbaasiin Ityoophiyaa Jaakaartaan waldaa mijeessaa oomishaa Abaaboo Indooneezhiyaa waliin yoo ta’uu, Ityoophiyaatti misooma damichaan jirurratti ibsi laatameera.
Maricharratti Indooneezhiyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Proofeesaar Adimaasuu Tsaggayee, daayreektarri waliigala misoomaa tuurizimii fi daldalaa alaa Indooneezhiyaa Ambaasaaddar Raggasaa Kiflee, dura ta’aan waldaa mijeessaa oomisha Abaaboo Luusiyaa Raaraasii fi qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.
Daayreektarri oomishootaa fi al ergiwwan oomishaa Abaaboo Ityoophiyaa Teedroos Zaawdee Ityoophiyaatti damichaan carraa garii jirurratti ibsa laataniru.
Dhaabbileen biyyoota lamaanii muuxannoo isaanii dhiyeessuun daldalaa fi tumsaarratti waloon hojjechuuf mari’ataniiru.
Maricharratti dhaabbileen biyyoota lamaan irraa walitti babba’aan 82 hirmaachuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.